Manni Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa waliigaltee biyyoolessaarratti mari’ataa jira

Finfinnee, Hagayyaa 16, 2012 (FBC) – Manni Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa waliigaltee biyyoolessaarratti marii gaggeessaa jira.
 
Waltajjiin marii kun Galma Koomiishinii Diinagdee Afrikaatti taa’amaa kan jiru yoo ta’u, waraqaaleen qorannaa dhiyaatanii irratti mari’atamaa jira.
 
Adeemsa siyaasaa qabeenyaa fi lubuu namaatin qumaara taphatu keessaa ba’uudhan nageenyaa fi egeree Ityoophiyaa mirkaneessuutti cee’uun ni barbaachisa jedheera manni marichaa.
 
Walitti qabaan mana marichaa obbo Muusaa Adam akka biyyatti dhaabbachuuf paartileen siyaasaa, mootummaa fi ummanni ga’ee isaanii ba’achuu qabu jedhan.
 
Paartileen aadaa walitti dhiyaatanii yaadaan wal injifachuu duursu amaleeffachuu qabus jedhan.
 
Biyyi qabnu takka kan jedhan obbo Muusaan; mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuun badii mudachuu malu hambsisuun cinaatti, yaada ofii hiriira nagayaatin ibsachuu fi mirga mormuu kabajuu qaba jedhan.
 
Ummannis adeemsa tokkummaa biyyaa diiguu malu hubannaan ilaaluun madaala eeguu qaba jedhan.
 
Kun yoo ta’u waliigaltee biyyaa uumuun ni danda’ama; siyaasa ari’aa fi ari’atamaatti xumura godhachuuf manni marichaa kan hojjetu ta’uus beeksisaniiru.
 
Maricha duursaa kan jiran Dooktar Aragaawii Barihee, Proofeesar Mararaa Guddinaa, Shaambal Amaan Usmaanii fi Yashiiwaas Asaffaati.
 
Waraqaa qorannaa seenaa hundeeffamaa fi sirnoota Ityoophiyaa Proofeesar Mararaan dhiyeessanii irratti mari’atama jira.
 
Waraqaan qorannaa gurmii paartilee siyaasaa Ityoophiyaa ammayyaarratti xiyyeeffatu Shaambal Aamaan Usmaanin, Heera mootummaa fi heerummaan ijaarsa biyyaaf jedhu ammoo obbo Yeshiiwaas Asaffaan dhiyaata.
 
Sooddoo Lammaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment