Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa’ii waliigalaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 18, 2016 (FBC) – Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Yaa’ii idilee 4ffaa waggaa 2ffaa gaggeessaa jira.

Miseensonni Hojii raawwachiiftuu Mana Maree naannolee, Ulaamaawwanii fi keessummoonni waamichi taasiifameef yaa’icharratti argamaniiru.

Waggoottaan darban hawaasa musliimaa qofaaf osoo hin taane hojiin biyyaaf fayyadu hedduun hojjetamuu Pireezidaantiin mana marichaa Sheek Hajjii Ibraahiim Tufaan ibsaniiru.

Yaa’ichaan gabaasni raawwii hojii bara 2016 fi karoorri bara 2017 irratti mariin ni taasiifama jedhamuu TOI gabaaseera.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment