Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa hoggantoota Ityoophiyaa Ityoo telekoom waliin biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 19, 2012 (FBC) – Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Ityoo Telekoom damee Finfinnee dhihaa waliin ta’uun giddugala deeggarsa fi misoomaa Awaliyaati dhaabbii biqiltuu gaggeessan.

Dhabbii biqltichaan biqiltuwwan 1000 kan dhaaban yoo ta’u, kanneen keessaa %60 nyaataaf kan olaaniidha.

Dhaabbii biqiltuu har’a gaggeeffame irratti Hoggantoonni Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa fi hoggantoonni fi hojjettoonni Ityoo teeleekoom damee Finfinnee dhihaa irratti argamaniiru.

Preezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Ityoophiyaa Muuftii Hajjii Umar Idriis, hoji tola oltuumma kanarratti hundi hirmaachu qaba jedhaniiru.

Muuftii Hajjii Umar Idriis, Ityoophiyaan marsa jalqaba gutiinsa bishaanii Hidha Haaromsaa guddiicha milkiin xumuruu isheef Ityoophiyaannoonni baga gammadaan jedhaniiru.

Dabalatanis yeerichi qormaata ta’us hundu vaayrasii koroonaarra akka of eegu waamicha dhiyeessaniiru.

Guyya har’a dhaabbiin biqiltuu keessaatti kan gaggeeffame giddu galli deeggarsa fi misooma Awaliyaa waggoota 68 kan lakkoofsise yoo ta’uu, gama barnootan, fayyaa daa’imman hadhaafi abbaa hin qabne guddisu irratti dhaabbata hojjecha jiruudha.

Misikkiir Sinaafiqtu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment