Manni Maree nageenyaa Sudaanii fi Gibsti marii sadee gaggeeffamu akka kabajan qooda isaa akka ba’u gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan Manni Maree Nageenyaa marii sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamu Sudaanii fi Gibsti akka kabajan qooda isaa akka ba’u gaafatte.
Ityoophiyaan xaalayaa Preezdaantii Mana Maree Nageenyaf barreessiteen marii sadee Hidha Haaromsaa keessatti manni marichaa akka hirmaatan yaada Sudaanii fi Gibtsi dhiyeessan kan hin fudhanne ta’uu ibsiteerti.
Yaadichi marii sadee mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamaa jiru kan hin kabajnee fi wal amanta biyyoota sadanii kan hir’isu ta’uu xaalayichaan ibsameera.
Marii sadeen gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan biyyoota yaa’a gadii gidduutti gaggeeffama ture erga jalqabee yeroo 9f adda cituu himameera.
Tattaaffii gamtichi taasiisaa jiru biyyoonni kunneen irra deddeebiin dhiibaa jiraachuu xaalayichi eereera.
Sudaanii fi Gibtsi dhimma hidha Haaromsaan wal hin qabne waliin walqabsiisuun dhimmicha gara Mana Maree Nageeynatti fudhachuun ajandaa idil addunyaa taasiisuuf marii gaggeessummaa Gamtaa Afrikaan taasiifamu gufachiisuf yaalaa jiraachuu ibsameera.
Dabalatan dhimmicha gara Liigii biyyoota Arabaatti fudhachuun caalmatti walxaxaa taasiisuuf yaalaa jiraachuu himameera.
Sudaanii fi Gibtsi shoora Gamtaa Afrikaa kabajuu dhiisuun marii sadeen hidha haaromsaarratti taasiifamu akka harkifatu gochaa jiraachuu eerameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment