Manni Maree Nageenyaa Dubartoota Biyyoolessaa hundaa’e

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Dubartoota Biyyoolessaa hundaa’e.

Manni marichaa hundaa’uun kan ifoome Ministeerri Nageenyaa fi ‘Jastiis foor Ool’ fi Federeeshiniin Dubartoota Ityoophiyaa waltajjii marii Muddee 24 amma 25,2012tti turu Adaamaatti gaggeeffamaa jirurratti.

Ministeera Nageenyaatti ministir deettaan damee ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyoolessaa aadde Almaaz Makoonnan hundaa’uun mana marichaa gurmii dubartootaa fi haadholii nageenyaa cimsuun, qindoominni jabaan akka uumamu taasisa jedhaniiru.

Ergama biyyoolessaa milkeessuufis taanan qooda olaanaa qabaata jedhaniiru.

Manni marichaa naannolee salganii fi bulchiinsota magaalaa lamaanirraa dubartoota dhiibbaa uumuu danda’an 55 miseensummaan hammateera; isaan keessaa 11 miseensota hoji raawwachiistudha.

Comments (0)
Add Comment