Manni Maree Nageenya Naannoo Kibbaa marii ariifachiisaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Caamsaa 19, 2014 (FBC) – Manni Maree Nageenyaa Naannoo Kibbaa walga’ii ariifachiisaa dhimmoota waqtaawaa nageenya naannichaarratti Magaalaa Walaayittaa Sooddootti gaggeessaa jira.
Waltajjii marichaarratti Preezidaantii naannichaa Obbo Ristuu Yirdaawuu fi Itti Gaafatamaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa naannichaa Obbo Alamaayyoo Baawudiin argamaniiru.
Raayyaa Ittisaa, Poolisii Federaalaa, Humna Addaa Naannichaa, Qaamolee Bulchiinsaa fi Nageenyaa Godinaalee fi Aanaalee naannichaa hirmaachaa jiru.
Waltajjichaanis hojiilee ijoo nageenyaa kabachiisuu hanga ammaatti hojjetaman gamaaggamuun kallattii fuulduraa ni kaa’a jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Kibbarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment