Manni maree naannoo Tigraay muudama namoota lamaa raggaasise

Finfinnee, Amajjii 20, 2012 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsa Mootummaa naannoo Tigraay muudama namoota lamaa raggaasise.

Manni marichaa yaa’ii idilee 18ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessaa jiruun muudama kana raggaasiseera.

Aadde Fatilawarq Gabraigzii’aabheer sadarkaa itti aantuu preezdaantiitti itti gaafatamtuu kilaaster haqaa fi bulchiinsa gaarii ta’uun muudamaniiru.

Akkasumas Dooktar Salamoon Kidaanee sadarkaa itti gaafatamaa Biirootti itti gaafatamaa hordoffii magaaloota naannoo Tigraay ta’uun muudamaniiru.

Dabalataan obbo Asmallaash Waldasilaasee itti gaafatamaa waajjira gamtaa mootummootaa naannoo Tigraay ta’uu isaanii ragaan fuula feesbuukii Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay irraa argame ni agarsiisa.

 

 

Comments (0)
Add Comment