Manni Maree Naannoo Somaalee baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 22.3 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Manni Maree Naannoo Somaalee baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 22.3 raggaasise.
Manni marichaa yaa’ii idilee 11ffaa waggaa 5ffaasaa gaggeessen baajata 2013 naannichaa Birrii biiliyoona 22.3 raggaasiseera.
Birrii biiliyoonni 17.2 mootummaa federaalaarraa kan argamu yoo ta’u, Birrii biiliyoonni 5.1 galii naannicharraa argamuun kan uwwifamu ta’a.
Gabaasa raawwii hojii mootummaa, mana murtii olaanaa, Oodiitara Olaanaa naannichaa kan bara 2012 dhaggeeffachuun raggaasiseera.
Muudamni abbootii seeraa mana murtii 8 dhiyaatee ragga’eera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment