Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii Idilee 3ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii Idilee 3ffaa waggaa 1ffaa gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ichaan gabaasni raawwii hojii bara 2014 dhiyaachuun irratti ni mari’atama jedhame.
Miseensonni mana marichaa guyyoottaan arfan darban hojiilee misoomaa naannicha 2014 keessa hojjetaman daawwachaa turaniiru.
Yaa’ichi qaboo yaa’ii idilee 2ffaa naannichaa dhiyaatu ni raggaasiisaan eegama.
Yaa’iin kun guyyoota lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, labsiiwwan gurmaa’iinsa godinaalee naannichaa hundeessuuf qophaa’eerrattis ni mari’ataan eegama.
Baajanni mootummaa naannichaa bara 2015 miseensota mana marichaaf dhiyaachuun kan ragga’u ta’uus eerameera.
Taammanaa Araggaa, Qiddisti Asaffaawu fi Birihaanuu Bagaashawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment