Manni Maree naannoo Sidaamaa yaa’ii idilee 2ffaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Eebila 26, 2014 (FBC) –Manni Maree naannoo Sidaamaa yaa’ii idilee 2ffaa marsaa 6ffaa magaalaa Hawaasaatti gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf tura jedhameera.

Yaa’ichaanis qaboo yaa’ii, baajanni dabalataa fi mudaamoonni haaraa ni raggaasifamuun eegama.

Gabaasni raawwii baatiwwan sagalii naannichaa dhiyaachuun mariin kan gaggeeffamu yoo ta’u, ciminootaa fi hanqinoota muudatan irratti mari’achuun kallattiin gara fuula duraa ni kaa’amaan eegama.

Birhanuu Bagaashaaw fi Taammanaa Araggaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment