Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii ariifachiisaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Manni Maree Naannoo Sidaamaa yaa’ii ariifachiisaa 1ffaa bara hojii 3ffaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeessuu eegaleera.

Manni marichaa yaa’icha guyyaa tokkoof kan gaggeessu yoo ta’u, ajandaalee garaagaraa irratti kan mari’atu ta’uun ibsameera.

Pireezidaantiin Naannichaa Obbo Dastaa Leeddamoon muudama hoggantootaa mana marichaaf ni dhyeessuun eegama.

Dabalataan mirga himatamuu dhabuu dhiyaatu irratti mari’achuun murteen kan kennamu ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment