Manni Maree Naannoo Sidaamaa ajandaawwan garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Hagayya 2, 2014 (FBC) – Manni Maree Bulchiinsaa Naannoo Sidaamaa walga’ii gaggeesseen ajandaawwan garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa labsii yeroo balaa deebisanii dandamachiisuu irratti bal’inaan erga mari’ateen booda sirreeffamni taasifamuun gara mana maree naannichaatti akka qajeelfamu murteesseera.

Dabalataan, dambiiwwan ittigaafatamaa fi qoodama hojii Eejensii Galmee Taateewwan Murteessoo fi Dhaabbataa Sanyii Filatamaa hundeessuuf qophaa’anirratti bal’inaan erga mari’ateen booda raggaa’anii hojiirra akka oolan murteessuu ragaan Waajjira Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment