Manni Maree naannoo Hararii yaa’iisaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii yaa’ii idilee 2ffaa, marsaa 5ffaa, bara 5ffaasaa gaggeessaa jira.
 
Manni marichaa gabaasa raawwii baajata bara 2012 dhaggeeffachuun ni gamaaggama.
 
Karoora bara baajataa 2013 fi baajata barichaaf qophaa’errattis ni mari’ata.
 
Af yaa’iin mana marichaa aadde Misraa Abdallaan haasaa baniinsaa kan taasisan yoo ta’u, preezdaantiin mootummaa naannoo Hararii obbo Ordiin Badriin raawwii gabaasa bara 2012 dhiyeessaniiru.
 
Manni marichaa hanga boor; Hagayya 12,2012tti yaa’iisaa kan gaggeessu ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment