Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idlee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa har’a gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, gabaasa raawwii karooraa 2014 mootummaa naaannichaa Pireezidaantii naannichaa Obbo Ordiin Badiriin dhiyaachuun irratti ni mari’atama jedhameera.

Akkasumas, gabaasa Waajjira Odiitara Olaanaa fi Mana Murtii Waliigalaa naannichaa kan bara 2014 fi karoora bara 2015 irratti mari’achuun akka ragaasisuu ibsameera.

Dabalataan, Wixinee baajataa bara 2015 naannichaa fi labsii fi muudamoota garaagaraa irratti mari’achuun akka raggaasisu kan eegamu ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment