Manni maree naannoo hararii baajata bara hojii 2013 Birrii biiliyoona 2.5 ol raggaase

Finfinnee, Hagayya 13, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Hararii yaa’ii idilee 2ffaa, marsaa 5ffaa, bara 5ffaasaa gaggeessaa jiruun baajata bara 2013 Birrii biiliyoona 2.5 ol raggaasiseera.
 
Manni marichaa Birrii biiliyoona 2 fi miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 9 fi kuma dhibba 5 ol Biiroo Maallaqaa fi Diinagdee naannichaan dhiyaate erga irratti mari’atee booda sagalee guutuun raggaasiseera.
 
Akkaa biiroon dhimmoota koominiikeeshinii mootummaa naannichaa ibsetti, bara baajataa kanatti gaaffii misoomaa hawaasa naannichaa deebisuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon ni hojjatama.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi too’achuun hojii duraa ta’uu akka qabu yaa’iicharratti ka’eera.
 
Yaa’iichi dhimmoota hafan irratti mari’achuun guyyaa har’aa ni xumurama jedhamee eeggama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment