Manni Maree Naannoo Gambeellaa yaa’ii idilee gaggeessu eegale

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Manni Maree Biyyaalessaa Ummattoota Naannoo Gaambeellaa yaa’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa guyyaa har’aa Magaalaa Gambeellaatti gaggeesuu eegaleera.

Afyaa’iin Mana Marichaa Aadde Baanchaayyoo Dangataa baniinsa yaa’ichaarratti, hojiileen ijaarsaa bu’uuraalee misoomaa fi bulchiinsa gaarii galama akka ga’aniif hunduu ciminaan hojjechuu qaba jedhaniiru.

Manni marichaa gufuulee misoomaa kan ta’an hojmaataa badaa fi malaanmatummaa dhaabuu, akka biyyaatti imala misoomaa fi badhaadhinaa eegalame dhugoomsuuf tattaaffii barbaachisa jedhaniiru.

Yaa’ichaan raawwii karoora bara 2014, gabaasaa raawwii oodiitara olaanaarratti mari’achuun ni raggaasisaan eegama.

Akkasumas, karoora misoomaa fi bulchiinsa gaarii bara baajataa 2015, baajataa fi wixinee labsii garaagaraarratti mari’achuun ni raggaasisa jedhamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment