Manni Maree naannoo Gambeellaa yaa’ii ariifachiisa 5ffaa gaggeessa jira

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (FBC)- Manni Maree naannoo Gambeellaa yaa’ii ariifachiisa 5ffaa gaggeessa jira.
Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Gambeellaa obbo Juul Naangaal haasaawa baniinsaa taasisaaniin, ittisa vaayraasii koroonaa irratti cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
Keessattuu hoogganttoonni sadarkaan jiran ga’e isaanii ba’aachuu qabu jedhaniiru.
Filannoon bara kan gaggeeffamuus filannoo Demookiratawaa akka ta’uuf hunduu ammaarra jalqabee cimee hojjechuu qabas jedhan obbo Juul.
Akkasumas misooma naannichatti eeggalaman cimsuu fi hojimaata bulchiinsa gaarii diriirsuun hojii bu’a qabeessa hojjechuuf hunduu carraaquu qaba jedhan.
Yaa’iichis turti isaa guyyaa tokkon hojiilee misoomaa naannichaatti hojjetamaa jiranifi labsii baay’ina mana maree bakka bu’uutaa Federaalaa murteessuuf ba’e qorachuun ni mirkaneessaa jedhame eeggama.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment