Manni Maree Naannoo Gaambeellaa walga’ii ariifachiisaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, hagayya9, 2016 (FBC)- Manni Maree Naannoo Gaambeellaa walga’ii ariifachiisaa 2ffaa bara hojii 3ffaa gaggeessuu eegaleera.

Walga’icharratti Afyaa’iin Mana Marichaa Aadde Baanchaayyoo Dingataa, miseensonni mana marichaa bulchiinsaa gaariin, misoomnii fi haqni akka mirkanaa’uuf itti gaafatama isaanii dammaqinaan bahachuu qabu jedhan.

Walga’ichaan Manni Maree naannichaa tajaajila mootummaa karaa si’ataa ta’een lammiilee fayyadamtootaa bulchiinsa gaarii, misoomaa fi haqaa akka ta’an seerota hedduu akka tumu eeraniiru.

Manni marichaas raawwii isaanii hordofuun, muudama qaamolee raawwachiistuu qorachuun akka raggaasisu akeekaniiru.

Dabalataan, manni marichaa waltajjii guyyaa tokkoo gaggeesuu kanarratti ajandaalee addaa addaa dhiyaatanirratti mari’achuun murtee ni kennaan kan eegamu ta’uu eeramuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment