Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Manni Maree Naannoo Gaambeellaa walga’ii idilee 3ffaa bara hojii 2ffaa gaggeesseen labsiiwwan fooyyeffaman sadii fi muudama Abbootii Murtee fi koreewwan dhaabbii raggaasisuun xumurameera.
Naannichatti misoomaa fi karoora bulchiinsa gaarii bu’aa qabeessaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hoggansi murannoon hojjechuu akka qaban hubachiifameera.
Yaa’ichi raawwii karooraa baatiiwwan jahan darbanii gamaaggamuun, karooraa fuulduree fooyyeffamee irratti mari’achuun raggaasisuun xumurameera.
Akkasumaas wixinee labsii invastimantii, hundeeffama koomishinii naamusaa fi farraa malaanmaltummaa dabalatee labsiiwwan fooyyeffamanii fi muudama abbootii murtee 27 ragagasiseera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.