Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz muudama addaddaa raggaasise

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Manni Maree Naannoo Beenishaanguul Guumz muudama addaddaa raggaasise.
 
Manni marichaa walga’ii ariifachiisaa 5ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessen muudama raggaasiseera.
 
Haaluma kanaan obbo Taaddalaa Tarrafaa af yaa’ii mana marichaa, Geetaahuun Abdiisaa itti aanaa preezdaantii naannichaa,
 
Dabalataan obbo Najimaddiin Almahaad itti aanaa preezdaantii mana murtii waliigalaa naannichaa, obbo Luqmaan Abdulqaadir walitti qabaa koree dhaabbii dhimmoota misooma magaalaa, daldala, indaastirii, geejibaa fi baajataa ta’uudhan muudamaniiru.
Comments (0)
Add Comment