Manni Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz yaa’ii idilee gaggeessu eegale

Finfinnee, Adoolessa 21, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Beenishaangul Gumuz yaa’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesuu eegaleera.

Manni marichaa guyyootaa lamaaf kan gaggeeffamu yoo ta’u, ajandaawwan garaagaraarratti ni mari’ata jedhameera.

Yaa’ichaan raawwii karoora bara 2014, labsii baajataa dabalataa 2014 fi wixinee baajataa 2015 qorachuun ni raggaasisaan eegama.

Akkasumaas labsii Miidiyaa Naannoo Beenishaangul Gumuz, Koomishinii Manneen Amala Sirreessaa fi Koomishinii Naamusaa fi Farra Malaanmaltummaa hundeessuuf ba’ee irratti mari’achuun ni raggaasisa jedhameera.

Dabalataan, wixinee labsii dhaabbilee waldaalee siiviilii galmeessuu fi bulchuuf ba’ee fi ajandaawwan biroorratti mari’achuun murtoo ni dabarsaa jedhamee akka eegamuu ragaan miidiyaa naannichaaraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment