Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 17ffaa Bahaar Daaritti gaggeessaa jira

Finfinnee,Bitootessa 2, 2013 (FBC) – Manni Maree naannoo Amaaraa yaa’ii idilee 17ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Bahaar Daaritti gaggeessuu eegaleera.
Yaa’ichi turtiisaa guyyoota sadiin raawwii hojii walakkaa waggaa dhaabbilee ni gamaggama jedhamee eegama.
Dabalataan gabaasni Ooditii fi Mana Murtii waliigalaa dhiyaachuun mariin irratti ni gaggeeffam jedhameera.
Akkasumas fooyya’iinsa Alaabaa Naannichaa, labsii Galii Qonnaa fi Taaksii dabalataa dhiyaatu ni raggaasiisa jedhamee eegama.
Yaa’ich muudama abbootii seeraa fi kanneen biroo dhiyaatan qorachuun kan raggaasiisu ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment