Manni Maree Naannoo Amaaraa Bitootessa 15, 2014 yaa’ii idilee ni gaggeessa

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Amaaraa Bitootessa 15, 2014 Yaa’ii idilee kan gageessu ta’uu Af Yaa’iin mana marichaa Aadde Faantuu Tasfaayeen ibsaniiru.
Aadde Faantuun yaa’icha ilaalchisee ibsa laataniiru.
Manni marichaa Yaa’ii idilee 2ffaa marsaa 6ffaa waggaa 1ffaa Bitootessa 15, 2014 kan gaggeessu ta’uu himaniiru.
Yaa’ichi raawwii hojii mootummaa naannichaa Baatii Jahaa gamaaggamuun,qaboo yaa’ii idilee 1ffaa ni mirkaneessaan eegama jedhan.
Gabaasni raawwii hojiilee misoomaa fi nageenyaa yaa’ichaaf dhiyaachuun irratti kan mari’atamu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ichi muudamoota adda addaas ni raggaasiisaan kan eegamu ta’uu ibsuu isaanii AMC gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment