Manni Maree Naannoo Affaar Yaa’ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaa Wiixata dhufu ni gaggeessa jedhame

Finfinnee, Hagayya 22, 2013(FBC)- Manni Maree Naannoo Affaar Yaa’ii idilee 11ffaa bara hojii 5ffaa Wiixata dhufu akka jalqabuu beeksise.

Af-yaa’iin Naannichaa aadde Amiina Seekoo, yaa’iin idile 11ffaa bara hojii 5ffaa hagayyaa 24 bara 2013 Magaalaa Samaraatti gaggeessa jedhaniiru.

Manni mariichaas turtii isaatin gabaasa raawwii bara 2013 naannichaa irratti marii ni taasifamaa.

Akkasumas mariin haala waqtaawaa Naannoo Affaariifi biyyaalessaa irratti taasisuun yaada furmaataa akka ka’uus himan aadde Amiinan.

Dabalatanis manni mariichaa wixinee baajata bara 2014 raggasisuun haala waqtaawaa naannichaafi biyyaalessaa irrattis kallattii kaa’uun ni xumuramaas jedhaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment