Manni Maree Naannoo Afaar baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 10 ol raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 26, 2014 (FBC) – Manni Maree Naannoo Afaar baajata bara 2015 Birrii biiliyoona 10 fi miiliyoona 132 fi kuma 869 raggaasiseera.

Manni marichaa guyyoottan darbaniif yaa’ii idilee gaggeesserratti raawwii qaamolee hojii raawwachiiftota dabalatee gabaasaa raawwii dhiyaataan irratti mari’achun sagalee guutuun ragaasiseera.

Manni maricha oolmaa guyyaa har’aatiin wixinee baajataarratti Hogganaa Biiroo Maallaqaa fi Misooma Diinagdee Naannichaa Obbo Ahimad Mahaammad ibsa kennaniin, baajatichi bu’uuraalee misoomaa hawaas-diinagdee garaagaraa babal’isuuf akka oolu ibsaniiru.

Maddi baajatichas galii naannichaa fi qooddii deeggarsa mootummaa federaalaarraa akka ta’e ibsaniiru.

Baajatichi hiyyummaa hir’isuuf kan gumaachaan gaaffilee bulchinsa gaarii fi bu’uuraalee misoomaa hawaasaa deebisuu danda’an hojjechuuf akka ooluu eeraniiru.

Wixinee baajaticharratti ibsa dabalataan kan kennan Pireezidaantin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa gama isaaniin bal’inaan pirojektoota hinxumuramne irratti xiyyeeffachuun ramadiin baajataa gaggeeffamuu himaniiru.

Fedhii misoomaa naannichaa guutuuf dandeetti galii walitti qabuu cimsuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Dabalataanis baasiiwwan hinbarbaachifne hir’isuun ummata hirmaachisuun qabeenyaa umamaa sirnaan misoomsuun jireenya hawaasa naannichaa fooyyessuuf hoggansi hojjechuu akka qabu kallattii kennaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment