Manni Maree naannichaa labsiiwwan yaa’ii 3ffaa dabalatee muudama abbootii murtiifi qaamolee raawwachiistotaa raggaasise

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- Manni Maree 6ffaan naannoo Afaar labsiiwwan yaa’ii idilee 3ffaa dabalatee muudama abbootii murtiifi qaamolee raawwachiistotaa raggaasisuun yaa’iisaa guyyaa har’aa xumureera.

Yaa’iin idilee mana mare naannichaa guyyoottan sadan darbaniif magaalaa Samaraatti gaggeeffamaa ture dhimmoota garaagaraarratti mari’achaa turuun guyyaa har’aa muudama garaagaraa kennuun xumuruu eerameera.

Yaa’ichi oolmaasaa guyyaa kaleessaan gabaasa qaamolee raawwachiistotaa naannichaafi ajandaalee lama qoratee kan raggaasise yoo ta’u guyyaa har’aas muudama abbootii murtii 6fi qaamolee raawwachiistotaa 4 qoratee raggaasisuun yaa’iisaa goolabeera.

Bu’uuruma kanaan obbo Alii Mahaammad Sadarkaa Ittaanaa Pireezidaantiitti Qindeessaa Kilaasatara Diinagdee, Obbo Abduu Hasan Yaayyoo Hogganaa Biiroo Barnootaa, Obbo Awwal Abduu Awwal Hogganaa Biiroo Galiiwwanii akkasumas Obbo Amar Nuur Hogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii naannichaa ta’uun muudamuu eerameera.

Muudamtoonni kunneen mana marichaa duratti dhiyaachuun itti gaafatamummaa uummataafi mootummaan itti laatame haalaan ba’achuuf waadaa seenuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment