Manni Maree Minsterootaa dhimmoota garagaraa irratti mari’achuun murtii dabarse

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Manni Maree Minsterootaa yaa’ii idileessaa 77ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’achuun murtii dabarseera.

Manni marichi wixinee labsii bulchiinsa proojektii mootummaa federaalaa fi sirna gaggeessummaarratti qophaa’erraati mari’ateera.

Manni marii ministeeroota beekkamtii laachuu murteewwaan abbaa seerummaa tajaajila biyyoota alaaf kennamee fi waliigaltee raawwachiisummaa raggaasisuuf wixinee labsii qophaa’e ilaaleera.

Manni marichi wixinootarratti bal’inaan erga mari’atee booda fudhatee akka raggasisuuf mana maree bakka bu’oota ummaataaf akka darbu murteesseera.

Dabalataaniis manni mareen kun waliigalteewwaan garagaraa dhimma alaaf dhiyaataanii fi wixineewwaan labsii ragga’anirratti erga mari’atee mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu murteessaniiru.

Comments (0)
Add Comment