Manni Maree Ministroota Murtoo dabarse

Finfinnee, Eebla 18, 2015 (FBC)- Manni maree ministirootaa walga’ii idilee 20ffaa har’a gaggeesseen murtoo dabarseera.

Manni marichaa diinagdee gooroo bara giddugaleessaa (2016-2020) fi hammattoo baajata waggaa irratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Keessumaa bajataa mootummaa dinaagdee gooroo kaayyoowwanii fi yaadootaa jiraniin walsimsifame kan qophaa’ee ta’uu kanakeekuudha.

Akkasumas, bara gidduu galeessatti galii fi baasii mootummaa akkasumaas imammata madala bajata waggaan, raagaa galii waliigalaa, baasii, hammeentaa deeggarsaa baajataa mootummoota naannolee, fi hanqina baajataa kan akkeeku ta’ee qophaa’uun manni marichaa mirkaneessuun ibsameera.

Hammattoon rakkoolee biyyattii mudataniin soda baajata waggaa hambisuu fi sirrii ta’ui baajataa mirkaneessuuf kan dandeessisu tooftaa itti fayyadamaa faayinaansii hojiirraa akka oolfamu kan taasisu ta’uun ibsameera.

Kana malees hammattoon kun baasii fi galii mootummaa akka walmadaluu kan tilmaama keessa galche ta’uun, manni marichaa hammattoo baajataa waggaa kanarratti erga mari’atee galtee yaadaan gabbisuun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment