Manni Maree Ministirotaa dhimmoota garaagaraatti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 19ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraatti mari’achuun murtoo garaagaraa dabarseera.

Manni marichaa wixinee labsii bulchiinsa bittaa fi qabeenyaa mootumma irratti kan mari’ate yoo ta’u, hanqinaalee hojmaataa mudataa turan sirreesuuf, itti gaafatamaa fi aangoo dhaabbatichaa cimsuuf, sirna bittaa fi bulchiinsaa teeknoloojiin deeggaruu fi bittaa mootumma keessatti hirmaannaa oomishtoonni biyya keessa qaban guddisuuf akka barbaachise ibsameera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’achuun erga galtee yaadaan gabbisee akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Kana malees, bu’aa qabeessummaa sirna wabii fayyaa hawaasaa mirkaneessuf wixinee dambii wabii fayyaa hawaasaa dhiyaaterratti mari’achuun dambichi guyyaa Gaazeexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun raggaasiseera.

Dabalataan, wixinee labsii misooma qabeenya albuudaarratti mari’ateera. Albuudaaleen dhaloota dhufu giddugaleeffachuun faayidaarra akka oolan, qajeeltoowwan eegumsa naannawaa waliin akka walsimu, sirna bulchiinsaa fi to’annoo qabeenya albuudaa qajeeltoowwan idil addunyaa eeggataan diriirsuuf, oomishaalee albuudaa alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf, sharafa alaa albuudaalee alatti ergamanirra argaman guddisuuf, carraa hojii uumuu kan tumsuu, waliigalaan gumaacha guddina diinagdee biyyattiif qabu guddisuuf labsichi qophaa’uun eerameera.

Haaluma kanaan manni marichaa wixinee labsichaarratti erga mari’ateen booda galtee yaadaan gabbisuun akka raggaasifamuuf gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka qajeelu sagalee guutuun murteesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment