Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 14ffaa har’a taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Haaluma kanan manni marichaa wixinee dambii hundeeffamaa Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Ityoophiyaa ba’eeratti mari’achuun yaadaa galteen gabbisuun akka hojiirra oolu murteesseera.
Kana malees wixinee aangoo fi itti gaafatamaa Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Ityoophiyaa murteessuuf ba’erratti kan mari’atee yoo ta’u yaadaa galteen gabbisuun akka hojiirra ooluu murteesseera.
Dabalataanis, wixinee dambii bulchiinsa wabii hawaasummaa hojjettootaa dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa hundeessuuf ba’ef irratti bal’inaan erga mari’ateen booda akka hojiirra ooluu murteessera.
Dambiiwwan kunneen Gaazexaa Nagaaritirratti guyyaa maxxanfamanii eegalee akka hojiirra oolan qajeelcheera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.