Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee har’a gaggeesseen murtoo garaagaraa dabarse

Finfinnee, Muddee 13, 2013 (FBC) – Manni Maree Minisirootaa walga’ii idilee 93ffaa har’a gaggeesseen ajandaawwan lama irratti murtoo dabarseera.

1. Wixinee labsii gabaa Kaappitaalaa dhiyaaterratti mari’achuun wantoonni sirreeffamuu qaban erga sirreeffamanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataf akka qajeelfamu murteesseera.

2. Wixiee dambii Fandii maallaqa taa’uu bulchuuf ba’e irratti mari’achuun hojiirra akka oolu murteesseera.

Dabalataan manni marichaa wixinee labsii raayyaa ittisa biyyaa labsii lakkoofsa 1100/2011 fooyyeessuuf ba’e irratti mari’achuun dhimmoonni sirreeffamuu qaban erga sirreeffamanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dhiyaatu murteessuu isaa ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment