Manni Maree Ministirootaa naannoo Tigraayirratti labsii ariifachiisaa labse

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2013 (FBC) – Manni Maree Mnistirootaa FDRI naannoo Tigraayitti labsii yeroo ariifachiisaa labse.

Manni maricha walga’ii ariifachiisaa 21ffaa har’a gaggeesseen mootummaan birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaa ba’uuf taateewwan gara jeequmsaa fi walitti bu’insa kamiiyyuu ittisuu akka qabu ibseera.

Mootumman federaalaa aangoofi itti gaafatammumma heeraan laatamef akka hojiirra hin oolchinee fi biyyattiin dirree lolaa akka taatu, murtoowwan mana maree federeeshiniin fudhachuu dhabuu dabalatee hojiiwwan seeraan alaa hedduun raawatama jiraachuu ibsameera.
Haalli kunis seeraa idileen to’atamuu hin dandeenye.

Heera mootummaa tiksuuf tarkaanfiin addaa akka fudhatamuuf labsiin yeroo ariifaachiisaa barbachiisaa ta’ee argamu himameera.

Birmadummaa fi nageenyaa biyya eegsisuuf haala uumamee to’achuuf akkatumaa heera mootummaa FDRI keewwata 93 keewwata xiqqaa 1 A jalatti tumameen balaa ga’uu ittisuuf labsiin yeroo ariifaachiisaa labsuusaa manni marichaa ibseera.

Labsiin yeroo ariifaachisaa kun baatiwwan 6 kan turu yoo ta’u, hojiirra oolmaan labsii kanaa Itaamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRItiin kan durfamuu ta’uu fi koreen miseensoota qaamolee dhimmi ilaallatu keessaa walitti ba’aan hunda’eera.

Itti waamamni korichaa Muummee Ministiraaf yoo ta’u, koree labsii yeroo ariifachiisaa jedhame waamama.

Labsichi bulchiinsa naannoo Tigraayi hunda keessaatti hojirraa oola jedhameera.
Odeeffaannoon bal’aan labsicha yeroo yeroon uummataaf kan ifoomuu ta’uu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment