Wixineen baajata 2017 Tiriiliyoona 1’tti dhiyaatu Mana Maree Ministirootaaf dhiyaate

Finfinnee, Caamsaa 30, 2016 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 34ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Walga’ichaan wixinee labsii baajataa mootummaa federaalaa bara 2017’rratti mari’ateera.

Haaluma kanaan baasii idilee Mootummaa federaalaa, baasii kaappitaalaa, deeggarsa naannoleef kennamu, deeggarsaa galmoota misooma waaraa raawwachiisuu fi baasii eeggachiisaa dabalatee baajanni tiriiliyoona tokkotti dhiyaatu mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee baajataa dhiyaateerratti mari’atee yaadaa galtee ida’uun, mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera.

Dabalataan labsii fandii addaa ashaaraa magariisaa fi lafaa manca’e dandamachiisuu hundeessuu fi bulchiinsa isaa daangessuuf ba’eerratti mari’ateera.

Itti fufiinsa hojiilee Ashaaraa Magariisaa mirkaneessuu, bal’ina lafaa biyyattii walakkaa ol manca’e dandamachiisuuf, faayidaa damee bosonaa dabaluuf, misooma Ashaaraa Magariisaaf deeggarsa faayinaansii mootummaa federaalaa fi naannoleen hojjetama jiruf, qabeenyaa barbaachisaa ramaduuf, sirna faayinaansiin deeggaruuf wixineen labsichaa qophaa’uun eerameera.

Haaluma kanaan Manni Maree Ministirootaa walga’ii kanaan galtee yaadaa ida’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummattaatti akka qajeelu sagalee guutuun murteesseera.

Manni marichaa wixinee dambii kaffaltii tajaajila addaa addaa dhaabbileen Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii fi Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa kennaan kaffalchiisaan murteessuuf ba’erratti mari’ateera.

Dambichi guyyaa Gaazexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment