Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Bitootessa 25, 2016 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 28ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti murtoowwan garaagaraa dabarseera.

Haaluma kanaan hammattoo fiiskaalaa fi diinagdee gooroo bara giddugaleessaa 2017-2021rratti mari’ateera.

Hammattoon kunis baajanni mootummaa haala diinagdee gooroo fi dandeetti fiiskaalaan walsimatee akka qophaa’u taasisuuf, galii walitti qabuu mootummaa fi ramaddii qabeenyaan kallattiiwwan imaammaataa akeekuun, bara baajataa dhufuuf qophii baajataa taasisuuf, baasii fi galii mootummaa bara giddugaleessaa akkasuma madaallii fiiskaalaan kallattiiwwan imaammataa addaa baasuu fi akeekuuf hammattoo tumsu waan ta’eef, akka hojiirra ooluu sagalee guutuun mirkaneesseera.

Kana malees manni marichaa wixinee labsii taaksii dabalata qabeenyaarratti mari’ateera.

Taaksii dabalata qabeenyaa guyyaa hojiirraa oolee eegalee sochii diinagdee biyyattii keessatti jijjiiramoota jiran hammattoo keessa galchuun waan barbaachiseef, kutaaleen hawaasaa galii gadaanaa argatan dhiibbaa taaksii dabalata qabeenyaaf akka hinsaaxilamne taasisuuf, wixineen labsichaa qophaa’uun ibsameera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’achuun gabbisuun, Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf qajeelcheera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment