Manni Maree Ministirootaa Murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)-Manni Maree Ministiroota walga’ii idiilee 26ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarrti mari’achuun murtoowwan dabarseera.

Haaluma kanaan manni maricha wixinnee labsii fooyessa faayidaa ummataaf jecha qabiyyeen lafaa yeroo itti lakkiifamu, beenyaan kaffalamuu fi kaafamtoota misoomaa deebisaanii dandamchiisuuf dhiyaaterratti mari’ateera.

Mootummaan faayidaa ummataf jecha hojiilee misoomaa hojjetuuf qabiyyeen lafa akka gadi lakkifamanii fi abbootti qabiyyyeef hojiin qabiyyee biroo bakka buusuu, beenyaa keffaaluu fi deeggarsa taasisuun akka danda’amu ilaalcha keessa galchuun, qajeeltoo hundeessuuf, beenyaa tilmaamuu, kaffaluu akkasumas deebisaanii ijaaruuf qaamoolee aangoo fi itti gaafatamani itti kenname ifoomsuun barbachisaa waan ta’eef, labsii hojiira jiru lakkofsa 1161/2011 fooyyessuuf wixineen labsii foyya’iinsaa mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichas wixinee labsii fooyya’eerratti mari’achuun, sagalee guutuun Mana maree Bakka Bu’oota ummataatti qajeelcheera.

Manni maricha wixinee labsii badhaasa Meedaya, Nishaanii fi badhasoota garaagaraarratti mari’ateera.

Lammiilee dameelee garaagaraa keessatti hojii bu’aa qabeessaa hojjetaan badhaasuu fi jajjabeessuuf badhaasni kennamuuf, hojiirra oolma isaa seera qabeessa taasisuuf wixineen labsii qophaa’uun mana marichaf dhiyaateerratti erga mari’ateen booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelcheera.

Dabalataan, manni maricha guyyaa boqonnaa fi kabaja ayyanootarratti murteessuuf wixinee labsii dhiyaaterrattis mari’ateera.

Guyyaan boqonnaa fi ayyanaa ijaarsa namuusaa fi xiinsaamuu akkasumas hawaasummaa lammiilee keessatti shoorri isaanii olaanaa waan ta’eef, beekkamtiin akka kennamuu fi sadarkaa biyyaalessaatti akka kabajamuuf wixineen labsii qophaa‘uun mana marichaf dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’achuun, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka dhiyaatuu qajeelcheera.

Gama biraatiin, manni maricha imaamataa wixinnee labsii indaastiriiwwan manufaakchariingirratti mari’ateera.

Indaastiriwwan manufakchariingiiin guddina biyyaaf gaheen isaanii olaana ta’uu, sharafa alaa argamaan guddisuun, invastimanti alaa hawwachuun, oomishaalee alaa galan biyya keessatti bakka buusuu fi carralee hojii itti fufiinsan waan uumaniif, hammatoon imaammataa waan barbachiseera.

Hirmannaa Abboottii qabeenyaa guddisuu fi jajjabeessuuf, indaastiriiwwan babal’isuuf qajeeltoowwan kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumaamarratti hundaa’ee akka ta’uuf wixineen imaammataa dhiyaachuun bal’inaan erga irratti mari’atameen booda hojiirra akka ooluu sagalee guutuun murteesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment