Manni Maree Ministirootaa murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Hagayya 25, 2015 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 24ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa walga’ii har’a gaggeesse kanaan waliigaltee liqaa mootummaa Xaaliyaanii waliin mallatteffamerratti mari’ateera.

Waliigalteen liqaa kunis karoora misoomaa mootummaa deeggaruuf Liqaa Yuuroo miiliyoona 56 keessaa yuuroo miiliyona 10 fuuncaa sonaa bunaa fooyyessuuf, Yuuroo miiliyoona 22, carraa hojii naannawaa baadiyyatti uumuun damee indaastirii qonnaa tumsuuf, Yuuroo miiliyoona 24 ammoo misoomaa waaraa fi bulchiinsa qabeenyaa bishaanii naannawaa Awaashii fi Waabii Shabaleef kan oolfamuu ta’uun ibsameera.

Waliigalte kanneen raggaasisuuf Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf akka qajeelfamuu sagalee guutuun murteesseera.
Kana malees, waliigaltee liqaa lama Waldaa Misoomaa Idil addunyaa waliin mallatteeffameerratti mari’ateera.

Waliigalteen liqaa kunis naannawaa baadiyyatti lammilee galii gadaa argataniif waliingahiinsa dhiyeessii humna elektirikaa fooyyessuuf kan oolu Doolaara miiliyoona 250 fi tajaajillii seektara misoomaa humna nama akka ciman deeggaruuf Doolaara miiliyoona 50 kan argamsiisuudha jedhameera.

Manni marichaas ergaa irratti mari’ateen booda akka raggaasifamuuf mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.
Manni Marichaa ajandaalee hariiroo alaa fooyyeessuuf ba’erratti mari’ateera.
Waliigaltee tumsa teeknika waraanaa mootummaa raashiyaa waliin mallattaa’e irratti mar’ateera.

Waliigaltichi michummaa biyyoota lamaanii cimsuuf fedhii biyyoota lamaanii irra deebiin kan mirkaneessa ta’uu marichaan ka’eera.

Adeemsa tumsa teeknikaa waraanaa biyyoota lamaaniif,eegumsa qabeenya kalaqa sammuu irratti hubannoo fi tumsa fooyya’aa ta’e mirkaneessuuf, akkasumas adeemsa tumsa keessatti sarbama mirga qabeenya kalaqa sammuu mudachuu malu waliin ittisuuf waliigaltichi fayyadamummaa waloorratti bu’uura taasiisuun kan mallattaa’e ta’uu isaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummaataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.

Dabalataan, manni marichaa, waliigaltee hundeeffama Eejensii Qorichaalee Afrikaa irratti kan mari’ate yoo ta’u, biyyoonni miseensotaa qulqullina qorichaalee eegasisuu, to’annoo oomishaalee qorichaa tumsuu, dandeetti raawwachiisummaa qaamolee to’attootaa guddisuu, qorichoota aadaa sirna tajaajila fayyaa ammaayyaan walitti hidhuu, daddabarsa qorichootaa biyyoota miseensotaa gidduutti taasifamuuf sirna to’annoo qindaa’aa diriirsuun hojiilee eejensichaan gaggeeffaman ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan, sagalee guutuu murteessuun akka raggaasifamuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.

Gama biraatiin, damee bobbii hojiin walqabatee waliigaltee Mootummaa Liibaanos waliin taasifameratti kan mari’ate yoo ta’u, waliigaltechi mirga lammiilee eegsisuu fi hariiroo dippilomaasummaa cimsuuf akka tumsu itti amanamuun ibsameera.

Mirga Lammiilee Itiyoophiyaa biyyatti deemuun hojjetan eegsisuuf kan dandeessisu, wayita sarbamni mirgaa jiraatuttis seera biyyattiin akka ilaalamu, mootummaan Itiyoophiyaas deeggarsa seeraa akka taasisu kan tumsu waan ta’eef, akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelcheera.

Dabalataan manni marichaa waliigaltee Viizaa namoota Paaspoortii Dippiloomaasii qabanii hambisuu mootummaa Kooriyaa Kibbaa fi Hindi waliin taasiifamerratti mari’ateera.

Dippiloomaatoota Paaspoortii qabaniif Viizaa hambisuun aangoonni olaanoon sochiin hojii lammiileef taasiisan saffisaa akka qabaatu waan taasiisuuf faayidaa olaanaa qabaachuu itti amanamuu mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichas waliigaltee dhiyaaterratti erga mari’atee booda galteewwan dabalataa itti dabalamuun akka mirkanaa’uuf sagalee guutuun Mana Mare Bakka Bu’oota Uummataaf qajeelchera.

Dabalataan, manni marichaa waliigaltee daldalaa mootummaa Paakistaan waliin mallatteffamerratti mari’ateera.

Waliigaltechis damee siyaasaa fi diinagdee, daldalaa fi invastimantii akkasuma dippilomaasummaan hariiroo gaarii qaban cimsuu akkasuma waltajjiiwwan idil addunyaarratti ejjjennoowan waloo tarkaanfachiisuuf walta’iinsa jiru kan cimsu ta’uun eerameera.

Haaluma kanaan manni marichaa bal’inaan erga irratti mari’ateen booda akka raggaasifamuuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf qajeelcheera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment