Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 17ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.
Manni marichaa walga’ii isaa kanaan, wixinee imaammataa barnootaa fi leenjiirratti kan mari’ate yoo ta’u, yaada galtee fooyyeeffamuu qaban dabaluun har’arraa eegalee akka hojiirra oolu murteesseera.
Kana malees, wixinee labsii yuunivarsitiiwwan akka ofiin of bulchaniif ba’erratti mari’ateera.
Haaluma kanaan yaada galtee dabaluun akka ragaasifamuuf gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.
Dabalataan, wixinee dambii hojiirraa oolmaa fi itti gaafatamummaa gargaartota teekinikaa akkadaamikii dhaabbilee barnoota olaanoo fi hospitaalotaa barnootaa mootummaa, akkasumas faayidaalee argatan murteessuuf ba’eerratti mari’achuun, dambicharratti yaada galtee fooyya’uu qaban dabaluun guyyaa Gaazexaa Nagaariit irratti maxxanfamee eegalee akka hojiirra oolu murteesseera.
Dhumarrattis manni marichaa wixinee labsii walitti hidhamiinsa dhaabbilee barnootaa olaanoo, teekinikaa fi leenjii ogumma, dhaabbilee qorannoo fi indaastirii irratti mari’achuun akka raggaa’uuf Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataaf sagalee guutuun qajeelcheera.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.