Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii hoji guyyoota 100 gaggeessuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa gamaaggama raawwii hoji guyyoota 100n darbanii gaggeessuu eegaluu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.
Barri baajataa kun osoo hin xumuramiin dura gamaaggama raawwii hojii isa xumuraa guyyoottaan 100n darbanii gaggeessuu eegalleerra jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasumma isaaniin.
Raawwii seektarootaa gamaaggamuun hanqinootaa fi ciminoota jiran adda baasuun hojii yeroo itti aanu hojjetamurratti kan mari’atamu ta’uu ibsaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment