Manni Maree Ministirootaa dhimmoota garaagaraarratti murtoo dabarse

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)-Manni Maree Ministirootaa walga’ii Idilee 29 taa’een dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

1.Manni marichaa wixinee labsii Imaammata tajaajilaa fi Bulchiinsa mootummaa dhiyaaterratti mari’ateera.

Wixinichi galteen barbaachisu itti dabalamuun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

2. Wixilee Imaammata Misooma Initerpiraayizoota Maayikiroo, Xixiqqaa fi geddugaleessaa qophaa’eeratti mari’ateera.

Imaammatichi hojiilee daldalaa tumsuun guddina diinagdeef gumaacha olaanaa qabaachuu isaan galteewwan dabalataa barbaachisan erga dabalamee booda hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

3. Wixinee danbii Gurmaa’insa, Aangoo fi hojmaata Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo murteessuuf dhiyaaterrattis mari’ateera.

Manni marichaa Wixinee dambii dhiyaaterratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan erga dabalamee guyyaa Gaazeexaa Nagaarittirratti ba’ee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

4. Wixinee labsii Sadarkaalee Itiyoophiyaarratti mari’ateera.

Labsichi oomishaaleen biyya keessatti oomishaman, kan biyya alaa galanii fi gara alaatti kan ergaman akkasumas qulqullinni tajaajilootaa sadarkaa kan eegate akka ta’uuf hojmaanni sadarkaa baasuu akka jiraatuuf kan qophaa’e ta’uu eerameera.

Manni marichaas wixinicharratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteessera.

5. Manni Maricha wixinee labsii seera qabeesummaa sadarkaalee irratti kan mari’ate yoo ta’u, daldalaa, fayyaa, nageenyaa fi eegumsaa naannawaan wal qabatee seeraa qabessummaa meeshaalee safartuu tajajiilarra oolanii mirkannessuun fayyumma nama fi beeyladoota eegsisuun, falama naannoo ittisuun badhaadhina hundagalessaaf bu’uuraa ta’uu isaaniin, seeraa idil Addunyaa waliin kan wal siimuu baasuun walitti hidhamiinsa Daldalaa Idil Addunyaa guddisuuf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uun wixineen labsiicha mana marichaf dhiyaateera.

Manni Marichas wixinee labsiichaarratti erga mari’ate booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataf qajeelcheera.

6. Inistitiyuutii Qorannoo Sadarkaa Hundeessuuf wixinee dambii dhiyaaterratti, qorannoo sadarkaa, damee safartuu meeshaa saayinsaawaa guddina teeknooloojii addunyaan irra geesse waliin walsimsiisuun tajaajila madaalawaa kennuuf, qorannoo fi qo’annoo, gorsaa fi hojiilee leenjii gaggeessuuf akka gargaarutti qophaa’uun dhiyaateera.

7. Waajjira Sadarkeessaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeessuuf wixineen dambii dhiyaateera.

8. Dhaabbata Madaallii fi Mijaa’ummaa Itiyoophiyaa irra deebiin hundeessuuf wixineen dambii mana marichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee dambiiwwanii sadeen dhiyaataniirratti mari’achuun galtee yaadaan gabbisuun Gaazexaa Nagaarit irratti guyyaa maxxanfamamii eegalee hojiirra akka oolan sagalee guutuun murteesseera.

9 . Manni marichaa gurmaa’insaa, leenjii fi qooda hojii Tajaajilaa Godaantotaa fi Godaansaa deebitootaa murteessuuf wixinee dambii dhiyaateerratti mari’ateera.

Haaluma kanaan wixinee dambichaarratti mari’achuun galtee yaadaan gabbisuun Gaazexaa Nagaarit irratti guyyaa maxxanfamee ba’ee eegalee hojiirraa akka oolu sagalee guutuun murteesseera.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment