Finfinnee, Waxabajjii 7, 2016 (FBC) – Manni Maree Ministirootaa Walga’ii Idilee 35ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota adda addaarratti mari’achuu murteewwan garaagaraa dabarseera.
1.Wixnee labsii Piroojektii dhiyeessa Bishaan dhugaatii fi Saaniiteeshinii magaalootaa marsaa 2ffaaf kan oolu liqaa dabalataa Mootummaan Itiyoophiyaa Waldaa Misooma Addunyaa waliin waliigaltee mallatteesse raggaasiisuuf qophaa’erratti mari’ateera.
Liqaan argames Doolaara Ameerikaa miiliyoona 207.2 yoo ta’uu dhiyeessa Bishaan Dhugaatii, Saaniteeshinii fi tajaajila dhiyeessa Inarjii fooyyeessuuf oola jedham.
Liqaan kun waggoota 38 keessatti kan deebi’u ta’uu wixineen labsichaa mana marichaaf dhiyaateera.
Manni marichaa liqichi Imaammata bulchiinsa liqaa Itiyoophiyaa waliin kan walgitu ta’uu isaa mirkaneessuun wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun raggaasiiseera.
2.Wixinee labsii Taaksii Qabeenyaa dhiyaaterrattis mari’ateera.
Labsiin kun magaaloota guutuu biyyattiitti hojiirra kan oolu yoo ta’uu, naannoleen labsicha bu’uura taasiisuun haala qabatamaa naannoo isaaniin Taaksii qabeenyaa akka qopheessan wixinee kana keessatti eerameera.
Manni marichaas wixinee dhiyaaterratti erga mari’atee booda Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
3.Akkasumas karoora Riifoormii fi Kaappitaala Baankii Daldla Itiyoophiyaa guddisuuf dhiyaaterratti mari’ateera.
Baankichi qulqullina Qabeenya Baankichaa fooyyessuu fi bifa amansiisaa ta’een hamma Kaappitaala isaa guddisuu fi gumaacha misoomaaf taasiisuu waaraan hojiirra oolchuuf yaada murtoo qopheesse Mana Maree Ministirootaaf dhiyeesseera.
Manni marichaaf karoora fooyya’iinsaa dhiyaaterratti mari’achuun yeroo itti aanu gara raawwiitti akka galu sagalee guutuun murteesseera.
4. Dabalataan manni marichaa wixinee labsii Baankii Biyyaalessa Itiyoophiyaarratti mari’ateera.
Baankiin Biyyaalessa Itiyyophiyaa labsii waggoottaan 16 darbaniif hojiirra ture ergama dhaabbatichaa caalmaatti bifa milkeessuu danda’uun fooyyeessee qopheesse mana marichaaf dhiyeesseera.
Manni marichaa wixinee dhiyaaterratti mari’achuun galteewwan dabalataa barbaachisan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu murteesseera.
5. Wixinee labsii waa’ee hojii Baankii dhiyaaterrattis mari’ateera.
Hojii Baankii biyyoota alaaf banaa taasiisuu hordofee seeraa fi sirna to’annoo diriirsuun barbaachisaa ta’uu isaaniin, hojicha hogganuu, eeyyama kennuu fi bulchuuf wixineen labsii qophaa’eera.
Manni marichaas wixinee labsii qophaa’erratti erga mari’atee booda galteewwna dabalataa barbaachisan dabalamuun wixinichi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
6. Dhumarrattis Wixinee Labsii Gamaaggama Dhiibbaa Naannawaa fi Hawaasummaa dhiyaaterratti mari’atera.
Piroojektoonni misoomaa osoo hojiirra hin ooliin dura dhiibbaa inni naannawaa fi hawaasarratti uumu gamaaggamaa fi qorachuun, dhiibbaa dursanii tilmaamuun hambisuu, hojmaata qindoominaan hojiirra oolchuuf sadarkaa biyyaatti qajeelfamni walfakkaatu akka jiraatuuf wixineen labsii kun qophaa’uun mana marichaaf dhiyaatera.
Manni marichaas wixinee dhiyaaterratti erga mari’atee booda galteewwan dabalaa barbaachisaan dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
#Oromia #Ethiopia