Manni Maree Ministirootaa dambii hojiirra oolmaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’e raawwachiisuuf ba’e raggaasiise

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Manni Maree Ministirootaa dambii hojiirra oolmaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’e raawwachiisuuf ba’e raggaasiisuu ibsan.
Manni Maree Federeeshinii akkaataa heera mootummaa keewwata 62 muraa 9 fi labsii mootummaan federaalaa naannoo gidduu akka galuuf ba’e lakkoofsa 359/ 1995 keewwatta 14 muraa 2 B jalatti haala tumameen naannoo Tigraayitti bulchiinsi yeroo itti waamamni isaa mootummaa federaalaaf ta’e akka hundaa’u murteessuun isaa kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan Manni Maree Ministirootaa dambii hojiirra oolmaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayitti hundaa’e raawwachiif ba’e raggaasiisuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Fuula Fees Buukii isaaniin ibsaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment