Manni Maree Ministiroota wixinee labsii hundeeffama komishinii marii biyyoolessaa Ityoophiyaarratti mari’achuun murtoo dabarse

Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)- Manni Maree Ministiroota waltajjii idilee lammaaffaa guyyaa har’a gaggeesseen wixinee labsii hundeeffama komishinii marii biyyoolessaa Ityoophiyaa dhiyaateerratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Mootummaan filannoo marsaa 6ffaan sagalee uummataa argachuun yoo filatamee dhimmoota biyyoolesaa raawwachuuf waada galee keessaa marii biyyaaleessaa hunda haammate gaggeesssuun waliigaltee biyyaalessaa fi dhimmoota biyyaarratti ejjennoon waloo akka jiraatuuf hojii hojjetamaan keessaa isa tokko ta’uun ni yaadatama.

Haaluma kanaan dhimmoota bu’uuraa biyyoolessaa jedhaman irratti hayyoonni yaada siyaasa garagaraa qabatanii turan tokkummaa biyyoolessaarratti ejjennoo ummata walitti fiduu akka qabatan taasisuuf marii biyyoolessaa hunda haammate hojiirra oolchuuf qaama walabaa ta’een akka durfamu fi gurmaa’uu hundeessuun barbaachisaa ta’ee argamuusaatiin wixineen labsii Komishiniin marii biyyoolessaa Ityoophiyaa qophaa’uun Mana Maree Ministirootaaf murtoof dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee labsichaarratti tarreeffamoota dhiyaatan irratti erga mari’atee booda galteewwan barbaachisaan itti dabalamuun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf dhiyaachuu akka ragga’uu murteesseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment