Manni Maree Ministeerotaa murtoo dabarse

Finfinnee, Hagayya 28, 2014(FBC)- Manni Maree Ministeerotaa walga’ii idilee 13ffaa har’a gaggeesseen wixinee imaammataa damee baankii invastaroota alaaf banaa taasisuuf dhiyaaterratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Damee baankii invastaroota alaaf banaa taasisuun tajaajilawwan damichaa beekumsaafi teekinooloojiin deeggaruuf, walitti hidhamiinsa gabaan biyyattii gabaa idil addunyaa waliin qabu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf, dorgomtummaa, bu’aa qabeessummaafi si’aa’ina dame faayinaansii dabaluun dhiyeessiin maallaqaa gahaan akka jiraatu kan taasisu wixineen imaammataa qophaa’ee guyyaa har’aa mana marichaaf dhiyaateera.

Dabalataanis wixinichi  dhiyeessiin sharafa alaa akka dabaluu, carraan hojii uumamu akka guddatu, sadarkaa idil addunyaatti bu’aa qabeessummaafi dorgomtummaan diinagdee mirkaneessuu kan dandeessisu ta’uu eerameera.

Haaluma kanaan manni marichaa guyyaa har’aa wixinee imaammatichaarratti erga mari’ateen booda galteewwan itti dabalamuun hojiirra akka oluu murteesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment