Manni Maree Ministeerotaa balaa diinagdee biyyatti qunname hir’isuuf kakka’umsi diinagdee qophaa’e hojiirra akka oolu murteesse

Finfinnee, Eebila 20, 2012 (FBC) – Manni Maree Ministeerotaa balaa diinagdee biyyatti qunname hir’isuuf kakka’umsi diinagdee qophaa’e hojiirra akka oolu murteesse.

Manni Maree Ministeeroota sababa vaayrasii koroonaan diinagdee biyyattiirra balaa ga’e hir’isuuf tarkaanfiwwan fudhatamuu qaburratti mari’achuun murtii dabarseera.

Manni marichaa walga’ii ariiffachiisaa Eebila 16, 2012 gaggeesseen sababa vaayrasii koroonaan balaa diinagdee biyyatti qunnameen jireenyi kutaa hawaasa heeddu kan miidhame ta’u ilaaleera.

Bu’uurma kanaan mootummaan deeggarsa hawaasumaa fi diinagdee taasisaa jirachuu ibsi waajjirri muummee ministiraa Faanaa Broodkaastiing Korporeetif erge kan eeru.

Qaama deeggarsa kana kan ta’e kakka’umsa diinagdee taasisuun balaa weerarichi fayyaa hawaasaarran ga’u ittisuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’a qabeessa akka ta’aniif hojjettoonni damee garagaraan miindeeffamanii hojiirra kan jiran hojiirraa akka hin gaggeeffamneef tarkaanfiin deeggarsaa akka fudhamu yaadni Ministeera Maallaqaan mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u, manni marichaa yaadicharratti mari’achuun hojirra akka oolu murteesseera.

Dabalataan miidhaa vaayrasichi qaqqabsiisu ittisuuf carraqqii taasifamu mootummaan lammiilee deeggarsa maallaqaa taasisan akka jajjabeessuufi tola ooltonni deeggarsa maallaqaa mootummaaf taasisaan kaffaltii gibiraa bara 2012 irraa %20 kan hin caalle gadi buusuu, taaksii dabalaataa fi taaksii tarn oovarii fi yeroon itti kaffalan baatii tokko akka dheeratu taasisuu, dhaabbileen daldalaa yeroo hojiirraa turan kisaaraa isaan mudate ceesisuu, hojjechiiftoonni hojiin dhabamuun soorama kaffaluuf kan rakkatan baatiwwan sadan dhufan Adoolessa 1, 2012 eegaluun akka kaffalan irratti mari’achuun hojiirra akka oolu murtaa’eera.

 

Liqiiwwan Ejansii walta’insa idil Addunyaa Jaappaan waliin kan mallatta’e projaktii dandiwwaan Jimmaa – Cidaa fi Sooddoo – Saawulaa rawwachiisu.

Mootummaa Xaaliyaan waliin kan mallatta’e Damee Fayyaan sagantaa galtee misoomaa rawwaachiisuuf akkasumaas mootummaa Xaalaiyaan waliin kan mallatta’e sagantaa leenjii ogummaa fi teekniikaa foyyeesuu fi kalaqa rawwachiisu.

Baankii al ergii fi fichisiisa Kooriyaa waliin kan mallateeffame proojaktii ijaarsa sarara Awutobisii saffisaa magaalaa Finfinnee fi proojaktii sirna bulchiinsa raga lafaa raawwachiisu.

Akkasumaas Emireetoota Araba Gamtoomaniin Fandii Kaliifaa misooma dhaabbatichaa waliin dhaabbiilee giddugaleessaa fi gadi aanaaf projaktii dhiyeessa liqaa rawwachuuf kan oolu liqaawwanirrattidha.

 

Comments (0)
Add Comment