Manni Maree Ministeeroota walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse

Finfinnee, Hagayya 16, 2012 (FBC) –Manni Maree Ministeeroota walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse.

Manni Maree Ministeeroota walga’ii idileessaa 88ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse.

Manni marichaa kan mari’ate imaammata wixinee labsii miidiyaa irratti yoo ta’u, Abbaan Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa damee miidiyaa kan hoogganu mataa isaa kan danda’e imaammanni miidiyaa jiraachuun dhabuun damicha qulqullinaa fi ga’umsaan babbal’isuu fi lammiilee hunda bira ga’uu dhabuu ibsuun, imaammata wixinee miidiyaa qopheessun Mana Maree ministeerootaf dhiyeesseera.

Manni marichaas, imaammata wixinee dhiyaaterratti erga mari’atee booddee hojiirra akka oolu murteesseera.

Dabalataan manni marichaa kan mari’ate labsii eksaayz taaksii lakkoofsa 1186/2012 fooyyessuuf labsii wixinee dhiyaaterratti.

Yaadni fooyya’insichaa mana maree bakka bu’oota ummataaf akka dhiyaatu murteesseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment