Manni Maree Magaalichaa Yaa’ii Ariifachiisaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Qaammee 4, 2016 (FBC)- Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’iin ariifachiisaa 1ffaa gaggeessaa jira.

Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalichaa Obbo Qaabatoo Albee yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, ajandaawwan ijoo Yaa’ichaa qaboo Yaa’ii Kurmaana 4ffaa bara 2016 mirkaneessuu, baajata bara 2017 labsuu fi Muudama garaa garaa dhiyaatee mirkaneessuu tahuu himaniiru.

Yaa’icharratti Miseensonni Mana Maree Magaalichaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashooma Addunyaa dabalatee hoggansi Kutaa Magaalichaa argamuu ragaan Kominikeeshinii magaalicharra argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment