Manni Maree Magaalaa Shaggar Baajata bara 2016f Birrii biiliyoona 21.2 raggaasiise

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii Ariifachiisaa 1ffaa har’a gaggeesseen baajata bara 2016f Birrii biiliyoona 21.2 ta’uun dhiyaate raggaasiiseera.

Baajanni dhiyaate fayyadamummaa sirnaan hojiirra akka oolu to’annoo fi hordoffii ciminaan kan taasiifamu ta’uu Kantibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Bara kana hojii dhabdummaa jiru hir’isuuf xiyyeeffannoo kan hojjetamu ta’uu Itti Aanaan Kantibaa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon ibsanii jiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment