Manni Maree godina addaa saba Oromoo hoggantoota gareewwan shororkeessitoota deeggaran hoggansarraa kaase

Finfinnee, Muddee 16, 2014 (FBC)- Naannoo Amaaraatti Manni Maree godina addaa saba Oromoo hoggantoota gareewwan shororkeessitootaa ABUT fi Shanee deeggaran hoggansarraa kaaseera.

Manni maree godinichaa walga’ii ariifachiisaa waameen hoggantoota ergama badii garee shorokeessitootaa ABUT fi Shanee galmaan ga’uuf socho’aa turan aangoorraa kaasuu ibsameera.

Kana malees qaamoleen gareewwan kanneen deeggaraa turan to’annaa jala oolu ibsameera.

Hoggantoonni haaraa muudaman hawaasa qindeessuun nageenya naannoo isaanii waaraan eegsisuu fi miidhaa diinagdee fi hawaasummaa gareewwan kanaan irra ga’e akka dandamataniif hojjechuun barbaachisaa ta’uu manni marichaa yaadachiiseera.

Godinichatti lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an deeggaruu fi dhaabbileen tajaajilaa tajaajila kennuu dhaabanii turan gara hojiitti galchuuf hojjetamaa jiraachuu EBCn gabaaseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment