Manni maree galmeessa ragaalee bu’uraa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee tokkoffaa gaggeesse

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Manni maree galmeessa ragaalee bu’uraa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee tokkoffaa gaggeesse.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Ejansiin Galmeessa ragaalee bu’uuraa waggoota dheeraaf tajaajila galmeessa ragaalee bu’uuraa aanaaloogiin kennaa ture, hojiin kun hammayyaa’uu waan qabuuf gara dijiitaalaatti ceesisuuf hojii keessa jira.

Yaa’ii Mana maree irratti haasawaa kan taasisan, itti aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee, Tajaajilli kennamu ariifataa, qaqqabamaa, malaanmaltummaa irraa bilisa ta’ee lammiileen kan itti gammadan akka ta’uuf hojiin hojjatamu qindaa’aa fi ragaa qabatamaa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba jedhan.

Manni maree kunis hojii hajjatamuuf haala mijeessuu, ragaa qindaa’aa waliin hindhahamne adda baasuuf tumsuu qaba jedhan.

Sadarkaa oliitti hojiin hojjatamu hanga gadiitti jabaatee akka itti fufuuf hordoffii cimsuun barbaachisaa ta’uus aadde Adaanach hubachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment