Manni Maree Federeshinii sochii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisuun yaada murtoo irratti mari’ate

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Manni Maree Federeshinii sochii filannoo naannoo Tigraay ilaalchisuun yaada murtoo Koreen Dhaabbii Dhimmoota Hiikkaa Heeraa Mootummaa fi Eenyummaa dhiyeesse irratti mari’ateera.

Koreen dhaabbicha yaada murtoo yaa’iin fala barbaadduu dhimmoota heera mootummaa dhiyeesse ilaaluun yaada murtoo mata isaa dhiyeesseera.

Koreen dhaabicha yaada murtoo yaa’iin fala barbaadduu dhimmoota heera mootummaa dhiyeesse ilaaluun yaada murtoo mata isaa dhiyeesseera.

Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa marsaa 6ffaa ilaalchisee weerarri covid 19 uumamuun walqabatee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa sababa garagaraa kaa’uun filannoo gaggeessuun akka hin danda’amne Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRIf dhiyeessuun walqabatee manni marichaa yaada murtoo boordichaa fudhachuun dhimmicharratti hiikkaan heera mootummaa akka gaggeeffamuuf gaafachuun isaa ni yaadatama.

Manni Marii Federeeshiniis Yaa’iin Fala Barbaadduu Dhimmoota Heera Mootummaa covid 19 waliin walqabatee filannoo yeroo isaattii gaggeessuu akka hin danda’amnee akkasumaas qaamooleen mana marichaa fi raawwachiiftuu bara hojii ilaalchisuun bu’uuruma hiikkaa heera mootummaa dhiyeessaniin yaada murtoo laate ture.

Bu’uuruma kanaan mani maree federeeshinii koreen dhaabbii dhimmoota hiikkaa heera mootummaa fi eenyummaa filannoon dheeressuu waliin walqabatee gaaffii hiikkaa heera mootummaa dhiyaatef manni marii raggaasiseera.

Kanumarraa ka’uun tattamsa’inni vaayrasii koroonaa sodaa biyyaa ta’ee hanga itti fufetti, mannii maree federaalaa fi naannoo hundi hojii isaanii akka itti fufanii fi dhabbiileeen fayyaa biyyaalessaa fi idila addunyaa covid 19 ilaalchisuun raga isaan baasan bu’uura godhachuun Ministeerri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa weerarichi sodaa hawaasaa ta’uu erga mirkaneessanii mana marichaan kan ragga’e filannoon biyyaalessaa baatii 9 hanga waggaa 1TTI gaggeesuun akka hin danda’amne yaadni murtoo dhiyaatee ragga’eera.

Murtoon mana maree federeshinii kun naannooleen hundi hojiirra akka oolchan ni dirqisiisa kan jedhe yaada murtoo mana marichaaf dhiyaate, haata’utii naannoo Tigraay murtoo kanaan ala ta’uun kakaasii filannoo gaggeessaa jiraachuu kutaale hawaasaa garagaraa fi paartiiwwaan komii isaanii mana mareef galchanii ilaalameera.

Paartiiwwan kanneen keessaa Paartii Demokiraasummaa Tigraay (PDT)- Paartii Demokiraasummaa Raayyaa-Raayyummaa fi Koree Deebiftuu Eenyummaa Walqaayitii fi Xagadee eerameera.

Yaa’iin Falabarbaadduu dhimmoota heera mootummaa manni maree naannoo Tigraay labsii maree naannichaa lakkoofsa 351/2012 murtoowwan dabarsee fi labsichi mata isaan heera mootummaa kan faalleessu ta’uun koshinii filannoo naanichaa hundeessuun kewwata mootummaa 102 waliin kan wal faallessu ta’uun labsii fialnnoo bahee fi kakkaasiin filannoo heera mootummaa kan faalleessu waan ta’eef fudhatama waan hin qabneef bu’uura heera mootummaa keewwata 82 fi 84 koreen dhaabbii yada murtoo dhiyeesseera.

Sochiin filannoo mootummaa naannoo Tigraay heeri mootummaa aangoo mootumaa federaalaa fi naannoo kenne waliin kan wal falleessu ta’uu yaada murtichaan ibsameera.

Yaa’iin falabarbaadduu Dhimmoota Heera Mootummaa fi Eenyummaa yaada murtoo dhiyeesse kana akka ragga’uuf mana marii federeshiniif dhiyeessee cufaan irratti mari’aachuun murtoowwan adda addaa dabarseera.

Paartii DemokiraasummaaTigraay naannichi sochii filannoo gaggeessuuf taasisa jiruu seeraa qabeessa kan hin taaneefi ofii isaas filannoocharra adda of baasuu ibsuun, adeemsaa isarratti hiikkaan heeraa akka laatamuuf dhimmota heeraa mootummaaf waamicha yaa’ii dhiyeessera.

Filannoon naannoo Tigraayitti filatamu, akka hin gaggeeffamneetti lakkaa’amee, kan hin raggaasifamneefi raawwiirra kan hin oolleedha ta’uu Mana Maree Federeeshinii ibseera.

Filannoon Naannoo Tigiraayitti filatamu sirna heera mootummaa balaarraan waan gahuuf filannichi akka hin gaggeeffamneetti lakkaa’amee, kan hin raggaasifamneefi raawwiirra kan hin oolle ta’uu Koreen Dhaabbii Hiikkaa Heeraafi Dhimma Eenyummaa ibseera.

Koreen dhaabbichaa filannicha ilaalchisee Manni Maree Federeeshinii murtii dhumaa akka dabarsuuf yaada murtoo dhiyeesseera.

Manni Maree Federeeshinii walgahii ariifachiisaa bara hojii waggaa 5ffaa marsaa 5ffaa taa’eera.

Barreessaan Koree Dhaabbii hiikkaa Heeraa fi Dhimma Eenyummaa obbo Warquu Addaamuu akka jedhanitti, Heerri Mootummaa Ityoophiyaa sanada waliigaltee saboota, sabalammootaafi ummatoota Ityoophiyaati jedhaniiru.

Bu’ura heerichaan seera filannoo kan baasuu mootummaa federaalaa yoo ta’u, filannoo kan raawwachiisu immoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa ta’uu ibseera.

Haylayesuus Siyumtu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment